Yaa'iin hoggantootaa Gamtaa Afirkaa 35ffaan Finfinneetti geggeeffamuun Itoophiyaan nagaa ta'uushee kan muli'isudha.

116

Amajji, 12/2014(TOI) - Yaa'iin hoggantootaa Gamtaa Afirkaa 35ffaan Finfinneetti geggeeffamuun Itoophiyaan nagaa ta'uushee kan mirkaneessuu ta'uu Ministeerri dhimma alaa beeksisee.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii ibsa har'a laataniin, yaa'ichi ''rakkoon nageenya jira'' jechuun akka Finfinneetti hin taa'amnee yaaliin taasifamaa ture jedhaniiru.

Yaa'ichi akka Finfinneetti taasifamuuf hojiin dippilomaasii cimaan hojjetamaa turu himuun, kanaattis mikaa'uu himaniiru.

Yaa'ichi akka Finfinneetti geggeeffamuuf kanneen murteessanii fi hojjetaan Ministirri muummee FDRI doktar Abiy Ahimad galateeffachuu ambaasaaddar Diinaa Muftii himaniiru.

Yaa'ichi Finfinneetti geeggeeffamuiun isaa Itoophiyaan akka nagaa taatee mul'isuun cinaatti dameewwan hojii Hoteelaa fi Turizimiis kan si'eechuu keessaattis gahee olaanaa akka qabu himaniiru.

Yaa'ichi karaa milkaa'aa akka raawwatamuuf koreen sadarkaa biyyaatti qindaa'ee maqaa gaarii Itoophiyaa karaa ijaaruu danda'uun hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015