Naannoon Hararii naannoo Somaaleetti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa adda addaa taasise.

57

Amajji,9/2014(TOI) - Naannoon Hararii naannoo Somaaleetti lammilee sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa adda addaa taasise.

Deeggarsa kanas Pireezidaantiin naannoo Hararii obbo Oraaddiin Badirii magaalaa Jijjigaatti argamuu Pireezidantii naannoo Somaalee Obbo Musxafee Muhaammaditti dabarsanii kennaniiru.

Deeggarsi kunis deeggarsa uummanni Hararii uummata obboleessa isaa Somaaleef qabuf taasisee akka ta'e obbo Oradiin himaniiru.

Haaluma kanaan Mootummaan naannoo Hararii birrii Miiliiyoona 10 fi deeggarsa waantoota adda addaa gatiin isaanii birrii miiliyoona 1 baasuu kanneen sababa hongoon naannichatti miidhamaniif taasisuu himaniiru.

Gara fuula duraattis deeggarsi kun kan itti fufu ta'as jedhaniiru.

Obbo Musxaafeen deeggarsa Mootummaan naannoo hararii taasisee kanaaf galateeffataniiru.

Deeggarsi akkanaa kun waliin jireenya obbolootaa caalaatti kan cimsuudhas jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015