Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad hoggantoota Abbaa Taayitaa Siiviil Aveeyishinii Itoophiyaaf muudama haaraa laatan

77

Amajjii 5/2014 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Obbo Geetachoo Mangistee Daayreektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Siiviil Aveeyishinii Itoophiyaa godhuun muudaniiru.

Akkasumas obbo Mangistuu Nigusee itti aanaa daayreektara olaanaa Eer Navigeeshiin abbaa taayitichaa gochuun muuduu ragaan abbaa taayitichaarra argamee ni muul’dhisa.