Huwaaween yaa’ii bulchiinsa intarneetii idil addunyaa Itoophiyaan qopheessitu kan deeggaru ta’uu beeksise.

Finfinnee, Muddee 27/2014 (TOI) - Dhaabbanni Huwaawee Teeknooloojii Giruup yaa’ii bulchiinsa intarneetii idil addunyaa Itoophiyaan qopheessitu kan deeggaru ta’uu beeksise.

Ministirri Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin Ittaanaa hojii raawwachiisaa dhaabbatichaa Chaarlas Diing waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’ataniiru.

Yaa’ii bulchiinsa intarneetii idil addunyaa Itoophiyaan bara dhufu qopheessitu dhaabbati Huwaawee Teeknooloojii Giruup mallaqaa fi ogummaan kan deeggaru ta’uu Chaarlas Diing ibsaniiru.

Dhaabbatichi gama teeknooloojii odeeffannoon mootummaa fi damee dhuunfaa waliin qindoominaan hojjechuu kan barbaadu ta’uu kaasaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Huuriyaa Aliin gamasaaniin dhaabbatichi Itoophiyaa deeggaruuf waadaa taasiseef galateeffataniiru.

Hojjettoota Huwaawee addunyaarra jiran keessaa Itoophiyaanonni muraasa ta’uu kaasuun dhaabbatichi Itoophiyaanota hirmaachisuurratti xiyyeeffatee akka hojjetu gaafataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015