Daandiin Xiyyaara Itoophiyaa gara Barbaraatti balalii eegaluufi

179

Mudde 22/2014(TOI) - Daandiin Xiyyaaraa Itoophiyaa gara Somaaleelaandii Magaalaa Barbaraatti Guraandhala 08/2014 irraa eegalee balallii akka jalqabu beeksiseera.

Daandiin Xiyaarichaa gara Barbaraatti torban keessatti balallii yeroo 3 taasisuuf karoora qaba.

Daandichi gara fuulduraattis lakkoofsa balallii akka dabaluu ibsa Tajaajila Oduu Itoophiyaaf ergeen beeksiseera.

Itoophiyaan buufata Barbaraa keessaa harka 19 kan qabdu yoo ta’uu, buufaticha irratti baatilee darban dooniiwwan bobbaasuu eegaluu ni yaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015