Hospitaalli waliigalaa Kombolchaa gar tokkoon tajaajila kennuu jalqabe.

80

Mudde, 20/2014(TOI) - Garee shororkeessaa ABUT tiin yakki saamichaa fi mancaasuu kannirratti raawwatame Hospitaalli waliigalaa Kombolichaa meeshaaleen yaala fayyaaf barbaachisan muraasni guutameefii gar tokkoon tajaajila kennuu jalqabuu isaa Meedikaal daarektariin hospitalichaa doktar Tafarraa Gobazee himan.

Doktar Tafarraan TOI tti akka himanitti gareen shororkeessaa ABUT Hospitaala Kombolichaa haga danda'u saamee kaan immoo guutummaan guutuutti mancaasuun jibba uummataaf qabu agarsiiseera jedhaniiru.

Erga naannichi garee kanarraa bilisa bahee Hospitaalicha hojii jalqabsiisuuf hojiii qindoominaan hojjetameen meeshaaleen muraasni guutameefiin torban darbe irraa jalqabee yaala dhibee tasaafi tajaajila yaala haadholii kennaa jiraachuu himaniiru.

Gargaarsa maashinaa fi qorichaa Hospitaala Alaarit irraa argameen tajaajila yaala baqaqsanii hodhuus jalqabuu himaniiru.

Kanneen tajaajila yaala fayyaa deddeebi'an yaalamuu fayyadamaniifis tajaajila kennuu kan jalqabe yoo ta'u, gara fuula duraattis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta'uun meeshaalee yaala fayyaa manca'an bakka buusun guututti hojiitti akka galuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Kanaafis koreen akka ijaaramee jiru himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015