“Bu’uraaleen misoomaa shororkeessichi barbadeesse kan duraanii caalaa fooyyeeffamanii xiiqiin ni hojjetamu”

78

Mudde, 15/2014(TOI) - Bu’uraaleen misoomaa gareen shororkeessaa ABUT barbadeesse kan duraanii caalaa xiiqiin fooyyaffamanii kan hojjetaman ta’uu Gorsaan dhimma Nageenyaa Ministira Muummee FDRI Obbo Gadduu Andargaachoo dubbatan.

Jilli Obbo Gadduun durfamu Hospitaala Rifaraala Dasee shororkeessichi saameefi barbadeesse daaw’atanii, buufataalee fayyaa barbadeessuun gocha namummaarraa adda ta’edha jedhan.

Namni kamiyyuu dhaabbilee daa’imman, haadholiin, dhukkubsattoonniifi walumagalatti dhalli namaa itti wal’aanamu barbadeessuufi balleessuun gocha namummaarra bahe ta’uu kan mul’isudha jedhaniiru.

Hospitaalli kun Amaaraa Bahaaf, Walloo Kibbaaf, Walloo Kaabaa, Shawaafi Affaar dabalatee hawaasa hedduuf tajaajila kan kennaa ture yoo ta’u, hospitaalicha barbadeessuunsaanii jibba ummatichaaf qaban mul’isuun alatti waan fayyadaman hin qaban jedhu Obbo Gadduun.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015