Qabeenyi Yuunivarsiitii Waldayaa Birrii biiliyoona 6 oliitti tilmaamamu garee shororkeessaa ABUT'n barbaadaa’eera kaan immoo samameera jedhame. - ENA Afaan Oromoo
Qabeenyi Yuunivarsiitii Waldayaa Birrii biiliyoona 6 oliitti tilmaamamu garee shororkeessaa ABUT'n barbaadaa’eera kaan immoo samameera jedhame.
Mudde 14/2014(TOI) - Qabeenyi Yuunivarsiitii Waldayaa Birrii biiliyoona 6 oliitti tilmaamamu garee shororkeessaa ABUT'n barbaadaa’eera kaan immoo samameera jedhame.
Gareen shororkeessaa ABUT Waldiyaa fi naannichatti weeraree yeroo turetti Yuunivarsiiti Waldayaa dabalatee qabeenya ummataafi nama dhuunfaa baay’ee saameera kan saamuu hin dandeenye immoo barbaadeesseera jedhamera.
Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Waldiyaa Dr. Abbabaa Girmaa akka himanitti, Yuunivarsiitichi qabeenya Birrii biiliyoona 6 oliitti kan tilmaamamu dhabeera jedhan.
Gareen shororkeessichi biiroowwan Yuunivarsiitichaa caccabseera, meeshaalee laabraatooriifi kompitaroota, mana keessummaa Yuunivarsiitichaa, kutaalee ICTfi gamoo laayiraarii fi qabeenya keessatti argaman saamuun barabaadeesseera jedhan.
Haa ta’uu malee sirna baruu fi barsiisuu Yuunivarsiitichaa adeemsa keessa eegalchiisuuf kan dandeessisu sagantaan taa’uun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.