'Duulli Tokkummaa Sabdaneessaa' marsaan jalqabaa kayyoo isaa bifaa milkaa’eefi injifannoon xumurameera-Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa

56

Finfinnee, Muddee 14/2014 (TOI)- 'Duulli Tokkummaa Sabdaneessaa' marsaa jalqabaan kayyoo isaa bifaa milkaa’eefi injifannoon xumuruu isaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluu haala waqtaawaa biyyaarratti ibsa laataniin, kayyoon olaanaan dulichaas garee shororkeessaa ABUT iddoowwan to’atee turee naannoo Amaaraa fi Affaar qulqulleessee baasuuj garichi biyyattiif irra deebiin sodaa akka hin taanee taasisuu ture jedhaniiru.

Duulaa kanaan garicha kaan barbadeessuun kaan immo bittimsuun danda'ameera jedhaniiru.

Garicha barbadeessuufi bittimsuu qofaa osoo hin taane qabeenya saamees akka fudhatee hin baane taasisuun osoo hin jaalatiin harka akka laatu taasifameera jedhaniiru.

Haala kanaan Itoophiyaafi Itoiphiyaanonni injifataniiru kan jedhan ministirichi Raayyaa Ittisa Biyyaa, Humna qilleensaa, Waraana Komaandoofi Makanaazidii seeraa bara baraan yaadatamu kan raajii hojjetaniiru jedhaniiru.

Humnoonni nageenyaa Affaarii fi Amahaaraas kana keessaatti qooda guddaa qabu jedhaniiru.

Gaheen hawaasni bal'aan dawoo ta'urraa jalqabee kallattii adda addaan bahatees yoom iyyuu kan yaadatamu ta'uu himaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015