Tajaajila Elekitirikii Itoophiyaa Distiriikiti Daseetti garee shororkeessaa ABUT tiin tiraansformaroonni 80 ol samamera.

75

Mudde, 13/2014(TOI) - Tajaajila Elekitirikii Itoophiyaa Distiriikiti Daseetti garee shororkeessaa ABUT tiin tiraansformaroonni 80 ol samamera.Distiriiktii Dasee kana jala jiddugala tajaajila elekirikaa kennu 23 tu jira.

Daarekatarri distirikitichaa obbo Haabtuu Ababaa akka himanitti, gareen shorokeessaa ABUT bakkeewwan weerare turetti jiddulawwan kanarraan miidhaa guddaa geesiseera.

Gareen kun Konkolaatota gurguddoo dabalatee meeshaalee biroo Wajjira muummicha distiriiktii Dasee jiran kaan mancaasuun kaan immoo saameera jedhaniiru.

Tiraansiformaroota mana kuusaa keessa turan 80 olis saamuu obbo Haabtuun himaniiru.

Gareen shororkeessaa kun jiddugala industirii kan ta'an Magaalaa Daseefi Kombolchaa akka humana elekitirikii hin arganneef jiddugala rabsaa elektirikii Dasee meesha waraanaa gurguddaan rukutuun barbadeessuus himaniiru.

Mancaatiin distirikitii tajaajila Elektirikaa Daseerra gahe kun guddaa ta'uu himuun kana bifa haaraan ijaaruuf ni dirqamna jedhaniiru.

Kanas Tajaajilli Elekitirikii naannoo Amahaaraa fi Federaalaa waliin ta'uun akka hojjetan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015