Saamichii fi miidhaan ABUT dhaabbileerratti raawwate karoora biyya dadhabsiisuuti – Obbo Dammaqaa Makoonniin - ENA Afaan Oromoo
Saamichii fi miidhaan ABUT dhaabbileerratti raawwate karoora biyya dadhabsiisuuti – Obbo Dammaqaa Makoonniin

Finfinnee, Muddee 12, 2014 (TOI) – Saamichii fi miidhaan gareen shororkeessaa ABUT dhaabbileerratti raawwate, badii salphaa osoon taane karoora biyya diiguu ta’uu Itti aanaan Ministira Muummeefi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin ibsan.
Obbo Dammaqaa Makonniin Magaalaa Dassee fi Kombolchaatti miidhaa Hoteeloota, Giddu gala qonnaa, Yuunvarsiitii Walloo, Hospitaala Kombolchaa fi Warshaaleerraan gareen shororkeessaa ABUT qaqqabsiise daawwataniiru.
Haleellaan dhaabbilee kanneenirratti raawwate badii salphaa osoo hin taane karoora diinagdeen biyya dadhabsiisuu fi diiguu ta’uu eeraniiru.
Dhaabbilee kanneen deebisanii ijaaruuf hamma miidhaa qaqqabee adda baasuuf mootummaan naannichaa fi federaalaa tumsaan hojjechaa jiraachuuf ibsaniiru.
- Naannoo kee eegi!
- Gara adda waraanaatti duuli!
- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!