Gareen shororkeessaa ABUT wayita Waldiyaa weeraree turetti yakkoota sukaneessaa raawwateera.

53

Finfinnee, Muddee 9/2014 (TOI) - Gareen shororkeessaa ABUT wayita Waldiyaa weeraree turetti yakkoota sukaneessaa raawwachuu jiraattoonni magaalichaa ibsan.

Garichi dubartoota gudeeduu, namoota nagaa jumlaan ajjeessuu fi qabeebya heddu barbadeessuu jiraattoonni magaalichaa ibsaniiru.

Erga garichi magaalicha galee jireenya gadadoo jiraachaa turuu eeraniiru.

Garichi dargaggoota hedduu addabaabayitti ajjeessuu, gareen dubartoota gudeeduu fi qabeenya namoota dhuunfaa barbadeessuu eeraniiru.

Yuunvarsiitii Waldiyaa dabalatee dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaa barbadeessuu himaniiru.

  • Naannoo kee eegi!
  • Gara adda waraanaatti duuli!
  • Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015