Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee daawwannaa hojiif Kootdivaariin galaniiru.

67

Finfinnee, Muddee 7/2014 (TOI)- Pireezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdee daawwannaa hojiif Kootdivaariin galaniiru.

Pirezdaantittiin magaalaa Kootdivaar Aniijaan wayita ga’aan Pireezdaant Alasaanee Otaar simannaa taasisaniifiru.

Pireezdaant Saahilawarq Zawdee turtii isaaniin hariiroo biyyoota lamaanii fi haala waqtaawaa Itoophiyaarratti pireezdaanit Otaar waliin ni mari’atuun eegama.

Kootdivaar Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti miseensoota mana mana maree mirga namoomaa keessaa ishee tokko yoo taatuu tibba kana manni marichaa mirga namoomaa Itoophiyaa keessaa jiruun walqabsiisee yaa’iin akka waamamuuf yaada dhiyeesseef sagalee hin laannee.

- Naannoo keessan eegaa!

- Gara adda waraanaatti duulaa!

- Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015