Daangaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf hirmaannaa uummataa hundaa gaafata

69

Sadaasa 23/2014(TOI) - ‘’Daangaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuuf Raayyaa Ittisaa Biyyaa qofaa osoo hin taane hirmaannaa uummata bal’aa gaafata’’ jechuun itti aanaan kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaay dubbatan.

Raayyaan ittisaa kaayyoo diina alaa fi keessaa waraana Itiyoophiyaarratti bananii fashaleessaa jira.

Obbo Jaanxiraar sochii injiifannoo raayyaa ittisaa biyyaaf uummanni Itiyoophiyaa gaachana ta’uun hojjetaa akka jiru ibsaniiru.

Daangaa fi birmadummaa Itiyoophiyaa eegsisuufi hirmaannaa ummataa kan gaafatu ta’uu dubbataniiru.

Kanaaf uummanni Finfinnee karaa garaagaraa deeggarsa taasisuurra darbee dargaggoota gara adda waraanaatti hirmaachisuun itti gaafatamummaa isaa ba’aa jira jedhaniiru.

Bakka ba’aan raayyaa ittisaa biyyaa birgaadeer jeneraal Bultii Taaddasaa gama isaaniin raayyaan ittisaa injiifannoo galmeessisaa jiru duubaan uummanni jira jedhan.

Itiyoophiyaan biyya bilisaa fi birmadummaa ta’uu ishee boqonnaa kan dhowwate diinota ishee akka turan yaadatanii, har’as akkuma kaleessaa hirree tokkoon bilisummaa keenyaa ni kabachiifna jechuun dubbataniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

-Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015