Neetiwoorkiin deeggarsa hawaasummaa Itiyoo-Kanadaa Itiyoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu doolaara kanaadaa kuma 100 walitti qabe.

Sadaasa 20/2014(TOI) - Neetiwoorkiin deeggarsa hawaasummaa Itiyoo-Kanadaa Itiyoophiyaatti deeggarsa namoomaaf kan oolu doolaara kanaadaa kuma 100 walitti qabuu isaa beeksise.

Dhaabbanni kun Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahmad gara adda waraanaattii duuluu isaaniin boonneerra jedhera.

Duula isaanii hordofuun ‘’Nun Warri ala jiraannu karaa kam isaan gargaarruu dandeenya’’ jechuun neetiwoorkii deeggarsa hawaasummaa waliin walga’ii taasiseen maallaqa gargaarsa namoomaaf oolu walitti qabeera.

Miseensoonni diyaaspooraa Itoophiyaa walga’ii kanarratti argaman deeggarsa namoomaaf doolaara kanaadaa kuma 100 arjoomuun yeroo itti aanutti ji’aan deeggarsa dhaabbataa taasisuuf waadaa galaniiru.

Neetiwoorkiin deeggarsa hawaasummaa kun maallaqicha guyyaa muraasa keessatti gara Itiyoophiyaatti akka ergu beeksiseera.

Dhaabbatichi diyaaspooraa Kanaadaa jiraatan walittiqabuun lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsa walitti qabuu itti fufa jechuun ibseera.

Neetiwoorkiin deeggarsa hawaasummaa kun baatii sadaasaa bara 2013A.L.I hundaa’uun hanga ammaatti waamichaa waqtaawaa fi pirojektoyta misoomaaf birrii miiliyoona 278 walitti gargaaruu isaa beeksiseera.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015