Naannoo Amaaraatti barattoonni miliyoona 1.2 ol barnootaa ala ta’an

52

Sadaasa,18/2014(TOI)-Naannoo Amaaraatti barattoonni miiliyoonni 1.2 ol sababa weerara garee shororkeessaa TPLFn barnoota ala ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Haleellaa gareen shororkeessaa TPLF raawwateen naannoo Amaaratti lammiileen miiliyoonni tokko ol qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’uu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa ibsa torbee laateen himeera.

Lammiilee qe’eefi qabeenyasaanirraa buqqa’aniif deeggarsi namummaa mootummaafi dhaabbilee deeggartootaan dhiyaachaa jiraachuu Ministir Deetaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Salamaawiit Kaasaan eeraniiru.

Naannoo Amaaraatti barattoonni miiliyoonni 1.2 ol sababa weerara garee shororkeessaa TPLF’n barnoota ala ta’uu fi barsiisoonnii kumni 47 ol hojii malee hafuu ibsameera.

Kolleejjiin leenjii barsiisoota lamaafi manneen barnootaa kumni tokko ol guutummaan guutuutti barbadaa’uu himaniiru.

Naannoo Affaarittis lammiilee qe'eefi qabeenyasaaniirraa buqqa'ani deebisanii dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Gama Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin lammiilee naannoo Tigiraayiif deeggarsai namummaa dhiyaachaa jiraachuu Aadde Salamaawiiti Kaasaan ibsa laataniin himaniiru.

Karaa Samaraan konkolaattoonni deeggarsa namummaa fe’an 83 gara Maqalee seenuu himaniiru.

Gareen shororkeessaa TPLF iddoolee weerara raawwateetti qabeenya saamee akka hin baane hawaasa gurmeessuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Ministirri Muummeenis waadaa galan gochaan agarsiisuu danda’aniiru jedhan Ministir Deetiittiin.

Gareen shororkeessaa iddoowwan weeraree ture gadi lakkisuun baqachaa jiraachuus eeraniiru.

Naannaawaa keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015