”Naannoon Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa Naannoo 11ffaa tahee hundeeunsaamuun adeemsa jijjirama eegalle kan muldhisuudha”.

224

Sadaasa 15/2014(TOI) – ‘’Naannoon Kibba Lixa Uummatoota Itoophiyaa Naannoo 11ffaa tahee hundeeffamuunsaa adeemsa haromsaa keessa dabarre muldhisa.’’-Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Ministira Muummee Itoophiyaa Dooktar Abiy Ahimad ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaantiin dabarsaniin tokkummaan sab-daneessaa duudhaa cimina keenyaatis jedhan.

Sirni Federaalawa sirna Ummanni ofiisaatiin ofbulchaa biyya ittiin ijaaruu tahuu eeranii,kanas Ummanni qabatamaan agarsiseera jedhan.

Karaa nagayaa,seeraa fi dimookraatawa taheen mirga heera Mootummaan qabdan fayyadamuun, Naannoo 11ffaa warra hundeessitan, Ummatoota Kibba lixa Itoophyaan baga gammaddanis jedhaniiru Dooktar Abiy