Lammiin Itoophiyaa kamiyyuu birmadummaa biyyaa kabachiisuuf hoggansa isaa hordofuu qaba.

71

Sadaasa, 15/2014(TOI) - Lammiin Itoophiyaa kamiyyuu birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Ministira muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad hordofuun gara adda waraanaatti duuluu akka qabu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa dooktar Laggasaa Tulluu ibsa har'a kennaniin Ministirri muummee dooktar Abiy Ahimad adda waraanaatti argamuun hoggansa kennaa jiraachuu himaniiru.

Murtoon ministira muummee kun Itoophiyaanotatti haamlee guddaa horuun adda waraanaattis injifannoon guddaa galmaa'aa jiraachuu himaniiru.

Murtoon Ministirri muummichaa gara adda waraanatti duulun fudhatan murtoo isaanii kun fakkenyummaa kan qabufi hoggansa dhugaa ta'uu isaanii kan agarsiidha.

Itoophiyummaan ol waanni jiru hin jiru kan jedhan dooktar Laggasaa Tulluu,Itoophiyaanoonni hoggansa isaanii hordofanii gara adda waraanaatti duulun birmadummaa biyya isaanii kabachiisuu qabu jedhaniiru.

Diinni alaa fi keessaan Itoophiyaa irratti duulus Itoophiyaan ni hinjifatti jedhaniiru.Hoggantoonni mootummaa olaanoo waamicha ministira muummee fudhachuun gara adda waraanaatti duula jiraachuu himaniiru.

Kanneen gara adda waraanatti hin duulles hojii idilee isaaniirratti xiyyeeffannoo guddaa kennuun ni hojjetu jedhaniiru.Kanas Itti aanaa Ministira muummee fi ministirri dhimma alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin kan qindeessan ta'uu himaniiru.

Labsii yeroo aarifachiisadhan gochaan shororkeessumma garee shororkeesitootatiin kaayyeeffamee ture fashalaa'uu ministirichi himaniiru.

Dooktar Laggaasaa Tulluun hundeeffamuu naannoo 11ffaa Naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa ilaalichisuun naannicha baga gammaddan jedhaniiru.

- Naannoo kee eegi!

- Gara adda waraanaatti duuli!

- Raayyaa Ittisa Biyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015