Tokkoon tokkoo lammiilee Itoophiyaa Seenessa dabe qolachuuf qooda isaa ba’uu qaba - Ministira Muummee FDRI

89

Finfinnee, Sadaasa 8, 2014 (TOI) – Tokkoon tokkoo lammiilee Itoophiyaa Seenessa dabe qolachuuf qooda isaa ba’uu qabu jedhan Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad.

Seenessa dabsuu biyyarratti baname fashaleessuufi qolachuuf tokkoon tokkoon Itoophiyaanotaa qoodasaanii akka ba’an Ministirri muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad waamicha dhiyeessaniiru.

Itoophiyaanonni qaamoleen gaarii Itoophiyaa hin barbaanne seenessa dabeen biyyattiirratti waraana banuu isaanii dagachuu hin qaban jedhan ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin.

Hojii seenessa dabsuu hojjetamaa jiru qolachuuf tokkoon tokkoo lammiilee Ityoophiyaa qooda isaanii ba'uu akka qaban ibsaniiru.

Tokkumma sabdaneessaan seena mataa keenya ofii keenyaan ni hojjenna jechuun ergaa dabarsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015