Miidiyaaleen biyyoota Lixaa ilaalcha dogoggoraa Afrikaaf qabu- Pireezdaant Uhuuruu Keeniyaataa

88

Finfinnee, Sadaasa 8/2014 (TOI) – Miidiyaaleen biyyoota Lixaa ilaalcha dogoggoraa Afrikaaf qabu jedhan Pireezdaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataan.

Gabaasni dhaabbilee miidiyaa biyyoota Lixaa Afrikaarratti hojjetan madaala kan eege waan hin taaneef dhaabbilee kanneen akka maddeen odeeffannootti kan hin filanne ta’uu ibsaniiru.

Waltajjii ‘ Ze Biig Fooram ajandaa ‘ jedhurratti haasaa taasisaniin dhaabbileen miidiyaa biyyoota Lixaa , Afrikaa ilaalchisee rakkoo qofa kan gabaasan ta’uu eeraniiru.

Dhaabbileen Miidiyaa kanneen akka Aljeezra, CNN, Iskaaynewus, BBC fi kanneen biroon dhimmoota Ruwaandaa, Sudaan Kibbaa, Ityoophiyaa fi Somaaliyaa Naayiroobii, Keeniyaa taa’anii kan gabaasan ta’uu kaasaniiru.

Gabaasa dhaabbanni miidiyaa biyyoota Lixaa Miidhaa gareen shororkeessaa Bookoo Haraam Naayijeeriyaatti qaqqabsiise Naayiroobiirraa wayita gabaasu amanamaa ta’uu dhabuurra darbee maqaa gaarii Afrikaa kan balleessu ta’uu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015