Lammiileen bakkeewwan gareen shororkeessichi weeraraan qabate jiraatan ofiin ofgurmeessuun naannoo isaanii bilisa baasaa jiru.

55

Sadaasa 4/2014((TOI) - Lammiileen bakkeewwan gareen shororkeessichaa weeraraan qabate jiraatan ofiin ofgurmeessuun qabsoo olaanaan naannoo isaanii bilisa baasaa jirachuun tajaajilli komunikeeshinii mootummaa ibse.Naannoo Oromiyaatti gareen shorokeessaa shanee socho’aa jirurratti qindoominaan tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuus hubachiisaniiru.

Ministirri tajaajila komunikeeshinii mootummaa doktar Laggasaa Tulluu har’a ibsa kennaniin ‘’gareen shorkeessaa ABUT lammiilee bakkeewwan weeraraan qabate jiraatan irratti badii raawwataa jira’’.

Kanaan uummanni ofiin of gurmeessuun garee shororkeesshichaa bahaa fi galma dhowwateera akkasumas naannawa garaagaraa immoo bilisa baasaa jira jedhan.

Raayyaan ittisaa, milishaa fi humna addaa naannoo Affaar waliin ta’uun tarkaanfii fudhataniin naannoo sanattis garee shororkeessichaarrati kisaaraan namoomaa mudataa jira jedhan.

Haaluma walfakkaatuun garee shororkeessaa shaneerrattis tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru ibsuun hirmaannaa uummanni birmadummaa biyyasaaf argisiisaa jiru dinqisiifataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015