Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Armeeniyaa Daawwannaa Hojiif Dirree Dawaa Galan

78

Finfinnee, Sadaasa 1, 2014 (TOI) – Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Armeeniyaa Arteem Aznaawuriiyaan daawwannaa hojiif Dirree Dawaa galaniiru.

Ambaasaaddar Arteem Aznaawuriiyaan wayita Dirree Dawaa ga’an Itti gaafatamaan waajjira Kaantibaa magaalichaa obbo Gabayehu Xilahuunii fi Itti gaafatamaan Waajjira Aadaa fi Turizimii obbo Mikaa’eel Indaalee Buufata Xiyyaaraa magaalaa Dirree Dawaatti argamuun simannaa taasiisaniifiru.

Armeeniyaan Dirree Dawaa waliin hariiroo seenaa fi aadaa qabaachuu obbo Mikaa’el kaasaniiru.

Ambaasaaddarichi turtii isaaniin bakkeewwa seena qabeeyyii garaagaraa kan daawwatanii fi hooggantoota olaanoo waliin marii kan taasisan ta’uu ibsaniiru.

FBC gabaase

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015