Dargaggeessi birri kuma 40 Baajaajii keessaa arge abbaa qabeenyichaaf deebise.

90

Ciroo, Sadaasa 1/2014 (TOI) - Magaalaa Cirootti dargaggeessii Baajaajii konkolaachisu tokko borsaa birrii kumni 40fi moobaayiliin 2 keessaa jiru kan namoonni Baajajii isaa keessatti dagatanii bu'an abbaa qabeenyichaaf deebisuu poolisiin beeksise.

Dargaggeessii Shaamsuu Mahaammad jedhamu kan hojii konkolaachisummaan jiraatu kun onkololeessa 27/2014 imaalaan Baajajii isaan imaalaa ture birrii callaa kuma 40 fi Moobayilii lama akkasu qabeenya biroo borsaa waliin Baajaajii isaa keessaatti dagatee deeme.

Shamsuun maallaqa Bajaajii isaa keessatti imaaltoonni dagatanii bu'an kana akka abbaa qabeenyichaaf deebi'uuf Poolisii magaalaa Cirootti kennuusaa Insipeekatar Mikaa'el Daanyee Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himaniiru.

Poolisiini qabeenyaa baajaajii keessatti dagatamee bu'amee Shaamsuun Poolisitti kenne kana abbaa qabeenyichaaf deebisuu himeera.

Dargaggeessii amalaafi naamusa gaarii akkana qabu biyyaaf barbaachisaa waan ta'eef namoonni Shaamsu Mahaammad irraa barachuu qabu jedhera inspeektar Mikaa'el.

Hojii gaarii dargaggoo Shaamsuun raawwate kanaaf waraqaan ragaa kan kennamuuf ta'uus inspeektar Mikaa'eel himaniiru.

Dargaggoo Shaamsuu Mahaammad akka himetti maallaqan arge kana kanaan deebiseef waan narratti akka ta'u hin barbaannee nama biroo irrattis akka ta'u hin barbaadu waan ta'eefan deebise jedheera.

''Hojjedhee maallaqa argachuu nan barbaada. Qabeenyaa namatiin dureessa ta'uu hin barbaadu. Haqa namaan osoo hin taane haqa koon jirachuun boqonnaa sammuu naaf kenna jedheera.''

Jiraataa Aanaa Gubbaa Qorichaa kan ta'an obbo Kaasahee Dammaqaa qabeenyaan isaanii kan baajaajii keessatti dagatanii bu'aan osoo homtuu irraa hin hir'atiin deebi'uusafisaatti kan gammadan ta'uu himuun, gochaa dargaggeessa qabeenya isaanii deebiseefi kanatti baay'ee kan gammadaniifi kan isaan raajees ta'uu himaniiru.

Hojiin Shaamsuun raawwate kun dargaggoo biroof fakkeenya guddaa kan ta'udha. Ani kan booda Shaamsuun akka ijoollee koottan ilaalas jedhaniiru.


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015