Hordoffii hojiirra oolmaa Labsichaan shakkamtoonni 237 to’atamuu ibsame

70

Finfinnee, Onkololeessa 30/2014 (TOI)- Naannoo uummattoota kibbaatti hordoffii cimaa qaamolee nageenyaa waliin taasifameen shakkamtoonni 237 to’atamuu koomishiniin poolisii naannoo uummattoota Kibbaa beeksiseera.

Gocha biyya diiguu garee shororkeessaa ABUT fi Shanee qolachuuf hawaasa waliin qindaa’uun hojiin nageenyaa naannichatti hojjetamaa jiraachuu koomishinarri koomishinii poolisii naannichaa Nabiyyuu Isaayyaas ibsaniiru.

Shakkamtoota qaban keessa qaamoleen nageenyaa jiraachuu ibsuun, shakkamtoonni kunneen gareewwan shororkeessaa maallaqaan, haamileen, yaadaa fi odeeffannoon gargaaraa turuu kaasaniiru.

Meeshaaleen waraanaa 46 to’atamuu fi namoonni qaama miidhamtoota fakkaachuun ergama garee shororkeessitootaa kanneen qabaatan to’atamuu ibsaniiru.

Namni kamuu waraqaa eenyummaa isa ibsu qabaachuu akka qabuu fi meeshaalee waraanaa kan qabu galmeessisuu akka qabu yaadachiisuu isaanii ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii naannichaarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015