Waancaa ‘CECAFA’ umurii 20 gadiitin gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa injifannoo 2ffaa galmeesse.

123

Onkoloolessa 23/2014(TOI)-Waancaa ‘CECAFA’ umurii 20 gadii qopheessummaa Ugaandaatiin dorgomamaa jiruun kaleessa gareen kubbaa miilaa dubartoota Itoophiyaa goolii 5-0’n Eertiraa moote.

Tapha jalqabaa goolii 7-0’n Jibuutii mo’ataniin haatiriikii kan hojjatte Rede’eet Asressaahenyi, kaleessas goolii lama galchuun gahumsa gaarii agarsiifteetti.

Tuuristi Lammaa, Masaay Tamasgeenii fi Buzaayyoo Taaddasaa gooliiwwan sadan hafan Itoophiyaaf dabalaniiru.

Tapha biroo kaleessuma taphartameen qopheesituun dorgomichaa Ugaandaan goolii 13-0’n Jibuutii mo’achuun injifannoo 2ffaa galmeessaniiru.

Burundiin ammoo goolii 1-0’n Taanzaniyaa moote.Madda:-Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015