Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenyaa humna hiriiree magaalaa Dasee to'achuuf dhufe ittisuun seenaa boonsaa hojjechaa jira jedhame

53

Finfinnee, Onkololeessa 20/2014 (TOI) – Humni nageenyaa raayyaa ittisaan durfamu humna diinaa hiriiree magaalaa Dasee to'achuuf dhufe ittisuun seenaa boonsaa hojjechaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibsa har'a waaree booda laateen beeksiiseera.

Raayyaan Ittisaa fi qaamoleen nageenya hundi waloon tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibseera.

Humna garee shororkeessaa ABUT magaalaa Dasee to'achuuf kutaabarri, Booruu fi hayiqiin hiriiree dhufe qaamoleen nageenyaa fi Raayyaan Ittisaa waloon qolachuun hojii guddaa hojjechuu tajaajilichi ibsa laateen eereera.

Magaalaan Dasee yeroo ammaa harka qaamolee nageenyaa jiraachuu ibsa isaan himeera.

Dargaggoonni magaalaa Dasee fi qaamoleen nageenyaa qindoominaan humna kan qolachaa jiraachuu eereera.

Dargaggoonni magaalichaa karaa gurmaa'een magaalicha Baandarraa eeguu cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeesseera.

Hawaasni olola sobaan burjaaja'uu akka hin qabne hubachiiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015