Itoophiyaan fayyadamummaa AGOA itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa deeggarsa akka taasisu gaafatame

51

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (TOI) – Itoophiyaan fayyadamummaa AGOA( African Groth and opportunity Act) akka itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa deeggarsa akka taasisu gaafatamuu ibsame.

Komishinarri Komishinii Invastimantii aadde Lalisee Namee ogeessa olaantuu daldalaa Imbaasii Ameerikaa Yaasuu’ii Paay waliin mari’ataniiru.

Marichaan Itoophiyaan fayyadamummaa AGOA akka itti fuftuuf Imbaasiin Ameerikaa Komishinii invastimentii Ityoophiyaa waliin hojjechuun deeggarsa akka taasisu Komishinar Laliseen gaafataniiru.

Dabalataanis AGOAn faayidaa olaanaa invastimantii Ityoophiyaa fi qaamolee damecharratti bobba’aniif qabu ibsuu isaanii ragaan Komishinicharraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015