Haalli rakkoo waqtaawaa siyaasaa Sudaan yaaddessaa dha

113

Onkoloolessa 15/2014(TOI) Haalli rakkoo waqtaawaa siyaasaa Sudaan yaaddessaa ta’uu IGAD beeksise.Gaggeessaan IGAD haala yeroo Sudaan ilaalchisee ibsa baaseera.Ibsa kanaan dura taa’aan IGAD doktar Warqinee Gabayyoo haalli waqtaawaa siyaasaa Sudaan yaaddessaa ta’uu ibsuun, rakkoo siyaasaa mudate kun furmaata akka argatuuf dhimmicha dhiyeenyaan hordofaan jira jedhan.Gaggeessaan IGAD mootummaa ce’umsaa Sudaan dadhabsiisuuf yaalii taasifamu kamuu cimsee akka balaaleeffatu ibseera.IGAD mootummaa ce’umsaa Sudaan gargaaruuf, nageenya uummataa fi dimokiraasii cimsuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.Humni loltuu Sudaan muummee ministiraa to’annoo jala oolchuu hofdofuun Ameerikaa dabalatee Gamtaan Afriikaa, komishinni mirga namoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa fi dhaabbileen idil addunyaa biroon haalichi yaaddessaa ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015