Sodaa gosa Vaayirasii Koroonaa deeltaa jedhamu uumeen dorgommiin maraatoonii Beejing akka dheeratu taasifame.

83

Onkoloolessa 15/2014(TOI) - Sodaa gosa Vaayirasii Koroonaa deeltaa jedhamuuf dorgommiin maraatoonii Beejing yeroo birootti akka dheeratu taasifamuu isaa qopheessaan waldorgommichaa beeksise.

Olompiikii yeroo gannaa kana dura weerara kooviid balleessuu fi sadarkaa soda gara zeerootti gad buusuuf kan barbaaddu Chaayinaan, guyyaa har’aa namoonni vaayirasichaan qabaman haaraa 39 argamuu isaanii beeksifteetti.

Dorgommichi jalqabamuuf guyyoonni 100 yeroo hafuu biyyattiitti sodaa tatamsa’ina kooviid - 19 balleessuuf hojjetamaa akka jiru qopheessitoonni dorgommichaa beeksisaniiru.

Qopheessitoonni dorgommii Beejing maraatoonii kaleessa ibsa kennaniin akka beeksisanitti, dheerachuun dorgommichaa nageenya dorgomtoota, hojjettootaa fi jiraattotaa eegsisuuf yeroo danda’amuutti dorgommicha adeemsisuuf karoorfachuu isaa ifa taasiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015