Jilli Abbootii qabeenyaa Naayijeeriyaa Jimmaa daawwataa jiru - ENA Afaan Oromoo
Jilli Abbootii qabeenyaa Naayijeeriyaa Jimmaa daawwataa jiru
60
Finfinnee, Onkololeessa 14/2014 (TOI) - Jilli Dippiloomaatootaa fi Abbootii qabeenyaa Naayijeeriyaa Jimmaa daawwachaa jira.
Miseensonni jilichaa wayita magaalaa Jimmaa ga'an Kaantibaa magaalaa Jimmaa Najiibaa Abbaa Raayyaa fi hoggansa magaalichaan simannaan taasiifameefira.
Jilichi har'a iddoolee hawata turizimii fi haalawwan Invastimantii naannichaa ni daawwata jedhamera.
Kaayyoon daawwannichaa Jimmaatti Invastimantii fi Turizimii babal'isuuf waloon hojjechuuf ta'uu himameera.