Weerara gareen shororkeessaa ABUT raawwateen badiin mirga namoomaa fi qabeenyarra gahe baay'ee guddadha - ENA Afaan Oromoo
Weerara gareen shororkeessaa ABUT raawwateen badiin mirga namoomaa fi qabeenyarra gahe baay'ee guddadha

Bahaar Daar,Onkololeessa 12/2014(TOI)- Weerara gareen shororkeessaa ABUT raawwateen badiin mirga namoomaa fi qabeenyarra gahe baay'ee guddaadha waan ta'eef rakkoo kana hubachuun hawaasni idil addunyaa deeggarsa barbaachisaa ta'ee akka taasisu gaafatame.
Pirezidaantiin naannoo Amahaaraa Dooktar Hiliqaal Kaffaaloo jila Itoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa Giitaa Paasin durfamu waliin haala yeroo naannicharrati mari'ataniiru.
Marichiis magaalaa Bahaar Daaritti kan geggeeffame yoo ta'u Dooktar Hiliqaal Kaffaaloon, weerara gareen shororkeessaa ABUT naannichatti taasiseen badiin mirga namoomaa fi qabeenyarra gahe baay'ee cimaa ta'uu jilichaaf ibsaniiru.
Hawaasni addunyaa kana hubachuun deeggarsa barbaachisu akka taasisu gaafataniiru.