Biqiltuu Itoophiyaan Jibuutiif gumaachite hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsudha jedhame.

67

Onkoloolessa 11/2014(TOI)-Biqiltuu Itoophiyaan Jibuutiif gumaachite hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsudha jedhame.

Ministirri Qonnaa Jibuutii Obbo Mohaammad Awwalee akka jedhanitti, biqiltuu Itoophiyaan Jibuutiif gumaachite hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsudha.

Jibuutiin marsaa jalqabaan biqiltuu mukkeen garaa garaa kuma 40 Itoophiyaarraa fudhatte dhaabuu eegaluus himaniiru.

Itoophiyaan Jibuutii dabalatee biyyoota oollaas qaama ashaaraa magariisaa akka ta'an gochuusheetti Obbo Mohaammad galateeffataniiru.

Itoophyaa fi Jibuutii obbolawwani; biqiltuun gumaachame kun hariiroo biyyoota lachuu kan cimsudha jedhaniiru.

Itoophiyaan biqiltuu haga kuma 200 Jibuutiif kennuuf kan karoorsite yoo ta'u, kan marsaa duraa torbaan dura Dirree Dhawaatii gara Jibuutiitti ergameera.

Itoophiyaan sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu mukkeen garaa garaa biiliyoona 6 biyya keessatti kan dhaabde yoo ta'u, biqiltuu biiliyoona 1 ammoo biyyoota ollaaf kan qopheessitedha. Embaasii Itiyoophiyaa Jibuutii jirurraa odeeffanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015