Obbo Musxafee Mahaammad Pireezdaantii naannoo Somaalee ta'uun filataman - ENA Afaan Oromoo
Obbo Musxafee Mahaammad Pireezdaantii naannoo Somaalee ta'uun filataman

Finfinnee, Onkololeessa 8/2014(TOI) – Manni Maree naannoo Somaalee yaa'ii jalqabaa waggaa 1ffaa bara hojii 6ffaa gaggeessaa jiruun obbo Musxafee Mahaammad Pireezdaantii naannichaa taasiisuun filateera.
Obbo Musxafeen Pireezdaantii naannichaa ta'uun sirna kakuu raawwataniiru.
Obbo Ibraahim Usmaan Itti aanaa Preezdaantii naannoo Somaalee ta’uun filataman
Manni Marichaa yaa'ichaan Obbo Ibraahim Usmaan Itti aanaa Pireezdaantii naannichaa taasiisuun filateera.
Obbo Ibraahim Usmaanis Itti aanaa Pireezdaantii naannichaa ta'uun sirna kakuu raawwataniiru