Afirkaa badhaatee uumuuf biyyoonni biyyoonni walitti dhifeenyaa cimaa baay'ee taasisuu qabu.

135

Onkolooleessa 4/2014 (TOI) - Afrikaa jabduu fi badhaate ijaaruuf biyyoonni kallatti adda addaan walitti dhufeenyaa isaanii cimsuu akka qaban barreessa Komishiinii gamtaa Afrikaa Muusa Fakii mahamaat himan.

Walga’iin Mana Maree hojii raawwachiiftuu Ministirootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.

Walga'icharratti Barreessaa dhaabbatichaa Muusaa Faakii Mahaamat haasaa taasisaniin Afrikaa jabduu fi badhaate ijaaruuf biyyoonni kallatti adda addaan walitti dhufeenyaa isaanii cimsuu qabu jedhaniiru.

Gamtaan Afrikaa karooraa walitti dhufeenyaa qopheessee hojiirra oolchaa akka jiru himaniiru.

Biyyoonis walitti dhifeenya isaanii fi dhaabbilee misoomaa waliin qabaan caalaatti cimsuu akka qaban himaniiru.

Yeroo ammaa kana Afrikaa rakkoo heddutu qabee jira kan jedhan barreesichi, keessaayyu rakkoon weerara Vaayirasii Koroonaa, Hongee fi rakkoowwan biroo kan uumamaa fi namtoocheen qabdi jedhaniiru.

Yeroo Mana Maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa kan hogganaa jiran Ministirri dhimma alaa Rippabilika Dimookrat Koongoo Kirstoov Lutundulaa akka jedhanitti manni marichaa maarii amma taa'aa jiru kanaan rakkoo ammaatti Afrikaa mudatanii jiran irratti xiyyeeffatee mari'ata jedhaniiru.

Rifoormii gamtichii jalqabe Afrikaa cimtuu kan tokkummaan ishee cimee kan uumuufi Afrikaanis waltajji addunyaa irratti iftee akka muli'atu kan ishee taasisudha jedhaniiru.

11


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015