MM Abiy Ahimad aanaa Heexoossatti Qamaadii Jallisiin misoome daawwataa jiru

63

Onkoloolessa 3/2014(TOI) -Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad Godina Arsii aanaa Heexosaatti ooyiruu Qabamadii jallisiin oomishame daawwachaa jiru.

Daawwanna kanarratti Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi qondaaltonni mootummaa Federaalaa fi naanno argamaniiru.

Lafa kana dura misoomaa hin turre kilaasteraan Qamadii misoomsuun midhaan nyaataan of danda’uuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu Dooktar Abiy Kaasaniiru.

Misoomni Qonnaa Bu’uura Guddinaa ta’uu isaan xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu ibsaniiru.

Walitti hidhamiinsa gabaa uumuun qonnaan bultoota bu’aa qabeessa kan taasiisu ta’uus dubbataniiru.Naannoo Oromiyaatti bara kana Qamadii Jallisiin Misoomu keessaa % 74 kilaasteeran kan misoomu ta’uu Pireezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Akka Godina Arsiitti lafa hektaara kuma dhibba 6 fi kuma 8 qotame keessa lafti hektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 88 kilaasteraan kan misoome ta'uu himameera.

Maddi - FBC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015