Gareen shoroorkeessaa ABUT bu'uuraawwan diinagdee uummata Naannoo Amaaraa Kaaba Walloofi Goondar, tahe jedhe mancaasaa jira jedhame.

62

Onkolooleessa 02, 2014- Gareen shoroorkeessaa ABUT bu'uuraawwan diinagdee uummata Naannoo Amaaraa Kaaba Walloofi Goondar, tahe jedhe mancaasaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa baaseen beeksise jira.

Uummata rakkoof saaxiluun gara aangootti deebi’uuf yaalii cimaa keessaa kan jiru, gareen shororkeessaa ABUT waggoota 27’n darbaniif aangoorra ture, ummata Tigraayi hedduu gargaarsa seeftineetii jalaa hin baasne; dhiba’ummaa nageenyummaa ummata naannichaaf qabuuf irra deddeebiin agarsiiseera.

Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseen, gareen shororkeessaa ABUT badiin Naannoo Amaaraa Walloo Kaabaafi Goondaritti raawwate diinummaa ummata Amaaraa ta’uusaa irra deebiin kan itti mirkaneessedha.

Iddoolee gareen kun weeraree tureetti loltoonniifi deeggartoonni garee shororkeessaa ABUT qabeenyaafi midhaan qonnaan bultootaa saamaaniiru; kan hafees akka barbadaa’uu godheera jedha ibsichi.Qonnaan bultoonni Itoophiyaa qabeenya beeyladotaa qabaniin, nyaataafi qonnaaf hirkattoota ta’uusaanii beekaa garichi gara jabinaan beeyladota ajjeessera.

Gareen kun qaama dhuunfaa qofarraa osoo hin taane, akka hawaasaattis tajaajiloota ummataa, olmaa da’immanii, manneen barnootaa, koollejjiiwwaan, baankoota,giddugala fayyaafi hooteelota barbadeesseera.

Piroojektiin daandii baaburaa Awwaash-Waaldiyaa ijaarsarratti argamu garee kanaan miidhameera.

Miidhaan gareen kun Walloo Kaabaafi Goondaritti raawwateefi raawwataa jiru siyaasaan jira jechuuf carraaqqii taasifamu, wixirfannaa dhumaa akka ta’ee ministeerichi ibsa baaseen beeksiseera.

Ibsi mootummaan Itiyoophiyaa hawaasni idil-adduunyaa lammiilee Walloo kaabaafi Gondar deeggarsa barbaadaniif xiyeeffannaa akka kennuu gaafate kun, lammiilee iddoowwan gareen kun weerareetti argaman deeggarsa hatattamaa akka argataniif waamicha dhiheesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015