Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad hoggantoota olaanoo hojii mootummaaf muudama laatan

76

Finfinnee, Fulbaana 27, 2014 (TOI)- Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad hoggantoota olaanoo hojii mootummaaf muudama laataniiru.

1.Obbo Tafarii Fiqiree hogganaa waajjira Muummee Ministeera fi Ministira dhimmoota kaabinee.

2.Obbo Adam Faaraaha Sadarkaa Ministeeraatti qindeessaa olaanaa giddugala ijaarsa sirna diimokiraasii.

3.Obbo Tasfaayee Baljigee sadarkaa Ministeeraatti mana maree bakka bu’oota uummataatti wamaamaa mootummaa.

4.Dooktar Injiinaar Silasashii Baqqalaa sadarkaa Ministeeraatti gorsaa olaanaa dhimma laggeen daangaa ce’anii fi hidha haaromsaa.

5.Dooktar Laggasaa Tulluu sadarkaa Ministeeraatti hogganaa tajaajila kominikeeshinii mootummaa.

6.Dooktar Mihraat Dabbabaa preezdaantii akkadamii hoggaansaa Afrikaa.

7.Obbo Fissahaa Yittaagasuu hoji gaggeessaa olaanaa EBC.

8.Obbo Abdurramaan Ruubee itti aanaa hojii gaggeessaa ECB taasisuun muudaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015