Korporeeshiniin Manneen Federaalaa ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itophiyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise - ENA Afaan Oromoo
Korporeeshiniin Manneen Federaalaa ijaarsa Hidha Haaromsa Guddichaa Itophiyaaf deeggarsa Birrii miiliyoona 20 taasise

Finfinnee, Fulbaana 27/2014 (TOI)- Korporeeshiniin Manneen Federaalaa deeggarsa ijaarsa hidha haaromsaa guddichaaf oolu Birrii miiliyoona 20 taasisuu ibsameera.
Daayraktarri Olaanaa Mana Marii Waajjira Qindeessaa Hirmaannaa Uummataa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa Dooktar Aragaawwii Berihee deeggarsa taasifameef galateeffataniiru.
Shira Shororkeessaa ABUT piroojekticha gufachiisuuf carraaqu qolachuun milkaa’ina pirojektichaaf tumsuun kan barbaachisu ta’uu himaniiru.
Hoji gaggeessaan korporeeshinichaa Obbo Rashiid Kamaal deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.