Barruuleen haasawaa fi ergaawwan Ministeerri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad “Bitootessaa hanga Bitootessaa” jedhan sadii ifooman - ENA Afaan Oromoo
Barruuleen haasawaa fi ergaawwan Ministeerri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad “Bitootessaa hanga Bitootessaa” jedhan sadii ifooman
Finfinnee, Fulbaana 18/2014 (TOI)- Seekreetariyaat Pireesiin Waajjira Ministeeraa Muummee barruulee haasawaa fi ergaawwan Ministeeraa Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad waltajjiiwwan garaagaraarratti taasisan “Bitootessaa hanga Bitootessaa” jedhu sadii ifoomseera.
Hasawaa fi ergaawwan kunneen Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad waggoottan sadan darbanitti dhimmoota Biyyoolessaa, Afrikaa fi Idil Addunyaarratti yaadaa fi ejjennoo qaban kan calaqisiisan ta’uu ibsameera.
Hundeeffama mootummaa haaraa Fulbana 24, 2014 gaggeeffamu dursuun Barruuleen ba’an kunneen Bitootessa 2010 jijjiirraan mootummaa erga taasifameen booda haasawaa fi ergawan darban akkasumas hojiilee mootummaa ijoo Ministiraa Muummiichaan hojiirra oolan galmee seenaarratti galmeessisuuf kan kaayyeffate ta’uu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni muul’isa.