Bulchiinsi Magaalaan Finfinnee har'a bulchiinsa haaraa ni hundeessa.

83

Finfinnee,Fulbaana 18/2014(TOI)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti filannoo marsaa 6ffaa Waxabajjii darbe geggeeffameratti hundaa'uun, har'a bulchiinsa haaraa waggoota shanan itti aananiif geggeessan ni hundeeffama.

Yaa'ii hundeeffama bulchiinsa haarawa kanaan afyaa'iifi afyaa'ii itti aanaa/tuusaas ni filatas jedhameera.

Teessoo 138 kan qabu Manni Marii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, kaabinee haaraas kan moggaasu yoo tahu, miseensota koree dhaabbiis ni filata jedhame eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015