Caffeen Oromiyaa wixinee labsiiwwan garaagaraa raggaasiise jira.

207

Finfinnee,Fulbaana 15/2014-(TOI)- Caffeen Oromiyaa wixinee labsiiwwan garaagaraa raggaasiise jira. Haaluma kanaanis Caffeen Oromiyaa gurmaa'ina qaamolee raawwachiiftuu irratti mari'achuu sagalee guutuun raggaaseera.

Wixinee labsii qaamolee raawwachiiftuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa irra deebi’uudhaan gurmeessuu, Aangoofi Hojii Isaanii Murteessuuf Bahe Labsii Lak. 199/2008 Fooyyessuuf Bahe Caffee kan dhiyeessan Dura Taa'aa Koree Dhaabbii Dhimma Bulchiinsaafi Seeraa Obbo Issaa Boruu, Dura Taa'aa Koree Dhaabbii Dhimma Misooma Qabeenya Namaa, Hoogganaa Biiroo Paablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa Obbo Namarraa Buliifi Ogeessa Seeraa Mana Hojii Abbaa Alangaa Oromiyaati.

Wixinee dhiyaate irrattis miseensoonni Caffee yaadaafi gaaffilee qaban kaasuun erga irratti mari'atanii booda manni mariichaa sagalee guutuun raggaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015