Daandii kaffaltii Mojoo-Maqii- Baatuu hojii eegale

107

Finfinnee, Fulbaana 10/2014 (TOI)- Daandiin kaffaltii Mojoo-Maqii- Baatuu kiiloo meetira 92 guyyaa har’a eebbifamuun hojii eegaleera.Daandiichi Birrii biiliyoona 6.3 kan hojjetame ta'uun himameera.

Sirna eebbicharratti hoggantoonnii Miisteera abbaa taayitaa daandiiwwan Itoophiyaa, Ministeera Geejjibaa fi Intarpiraaziin Daandiwwan kanffaltii argamaniiru.

Dandiin saffisaa Mojoo- Maqii- Baatuu har'a tajaajila kennu jalqabe kun Itoophiyaatti dandiiwwan Finfinnee-Adaamaa fi Dirre dawaa - Dawwaalleetti aanee isa sadaffaadha.

Daandiin kun kiloomeetira 92 kan dheeratu yoo ta'u bal'ina meetira 32 qaba.

Jiddugala Kanffaltiin itti kanafalamuu kan sadarkaa isaanii eggatan 5 qaba jedhameera.Jiddugallii kanffaltiiwwan kunis Bahinsaa Mojoo, Qooqaa, Maqiifi Baatuurratti argamu jedhameera.

Baasiin daandiin kun ittiin hojjetame liqaa baankii Kooriyaa Egiziim fi Baankii misoomaa akkasumas mootummaa Itoophiyaarra argameeni.

Daandiin kun qaama koridarii daandii daandii Finfinnee -Adaamaa Mooyalee- Mobaasaa yoo ta'u Daandiwwaan saffisaa kan Knaffalitti biyyoota Afirikaa walqunnamsiisan keessa isa tokkodha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015