Giddu galli leenjii loltummaa Awaash Bishoollaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa leenjisaa ture eebbisiise.

75

Finfinnee,Fulbaana 6/2014(TOI)- Giddu galli leenjii loltummaa Awaash Bishoollaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa leenjisaa ture eebbisiise.

Sirna eebbaa kanarratti Ajajaan Itti aanaan humna lafoofi hoogganaan damee Loojistikiifi Humna Namaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo W/Kidaan argamaniiru.

Ajajaan Giddugala Leenjii Loltummaa Awaash Bishoollaa Koloneel Tarrafaa Currisoo gabaasa haala walii galaa leenjichaa dhiyeessanii jiru.

Eebbifamtootaaf kallattii kan kennan Ajajaan Itti aanaan Humna Lafoofi Hoogganaan Damee Loojistikiifi Humna Namaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo W/Kidaan fedhii keessaniin Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuun leenjii barbaachisu gahumsaan waan xumurtaniif baga gammaddan jedhan.

Ergama itti kennamu kamiyyuu gahumsaan bahuu akka qabanis dhaamaniiru.

Eebbifamtoonnis leenjiin fudhatan ergama isaaniif kennamu gahumsaan akka bahan kan isaan gargaaru ta'uu himuun, biyya isaanii diina keessaafi alaarra ittisuuf qophii ta'uu himaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti keessummoonni biroos argamaniiru

Maddi:- OBN

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015