Aadde Mufaariyaat Kaamiil Itoophiyaatti Ambaasaadara Ameerikaa waliin marii’atan - ENA Afaan Oromoo
Aadde Mufaariyaat Kaamiil Itoophiyaatti Ambaasaadara Ameerikaa waliin marii’atan

Finfinnee, Fulbaana 6/2014(TOI)- Ministirri Nageenyaa Aadde Mufaariyaat Kaamiil Itoophiyaatti Ambaasaadara Ameerikaa Geeta Paasii fi Itoophiyaatti Daayireektara dhaabbata gargaarsa Shoon Joonsan Waliin Marii’atan.
Mariichi gocha badii garee shororkeessaa ABUT naannolee Amahaaraa fi Affaar irratti raawwateen lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’an haala deebisanii dhaabuu fi furmaata hatattamaa kennuun danda’amurratti ta’uu ibsameera.
Yeroo ammaa kana naannolee biyyatti keessatti lammiilee yeroof qubatanii jiran dabalataan kanneen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa fagaatanii jiran deeggaruuf hojiin gama mootummaan hojjetamaa jiru cimee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Kanaafis deeggarsi namoomaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa kan cimee kan itti fufu ta’uu addeessaniiru.
Ambaasaddar Paas gama isaaniin tattaaffii taasifamaa jiru kan hordofan ta’uu ibsuun, mootummaa fi Uummanni Ameerikaa hariiroo baroota dheeraa Itoophiyaa waliin qaban cimee kan itti kan fufuu ta’uu ibsaniiru.