Jilli aadde Adaanachiin durfamu Afaar Samaraa gale - ENA Afaan Oromoo
Jilli aadde Adaanachiin durfamu Afaar Samaraa gale
76
Finfinnee, Fulbaana 5/2014 (TOI) – Jilli Itti aantuu Kaantibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen durfamu Afaar magaalaa Samaraa galeera.Jilichi wayita magaalaa Samaraa ga’uu Pireezdantii Naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa dabalatee hoggantoota olaanaa mootummaa naannichaan simannaan taasiifameefira.
Jilli Aadde Adaanachiin durfamu kun turtii Samaraatti taasiisuun dhimmota waqtaawaa fi deeggarsa lammiilee qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’aniif taasiifamu ilaalchisee hoggantoota naannichaa waliin marii ni taasiisaan eeggama.