Gidduugalli loltoota Addaa Leenjii Loltummaa Billaatte, miseensoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa leenjii bu’uura loltummaan leenjisaa ture eebbise.

66

Finfinnee Fulbaana 03/2014(TOI)- Waamicha biyyaa hordoofuun Gidduugallii lotoota Addaa Leenjii Loltummaa Billaatte leenjii bu’uura loltummaa fudhachaa turan guyyaa har’a eebbiffamaniiru.

Eebbiffamtoonni kunneen dirqamaa itti kenamuu kamu gahumsaan bahachuun biyyaa isaani weerara biyyaa keessafi alaarraa dhufu hundaa qoolachuuf qophii ta’uus himaniiru.

Sirna eebba kanarrattis Pireezedaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Daastaa Leedaamoo, dabalate hooggantoonni olaanoo naanichaa irratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015