Pireezidaantiin Ittaanaa Naannoo Kibbaa obbo Riistuu Yirdaaw Bahir Dar galan.

53

Finfinnee,Fulbaana 02/2013(TOI)- Pireezidaantiin Ittaanaa Naannoo Kibbaa obbo Riistuu Yirdaaw lammiilee garee shororkeessaa ABUT ajjeechaan irratti raawwatamee fi qe’eesaaniirraa buqqa’an deeggaruu fi Raayyaa Ittisa Biyyaa garee shororkeessichaa haleelaa jiru cinaa dhaabbachuusaanii mirkaneessuuf akka achitti argaman himaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa obbo Agaanyoo Tashaagar dabalatee hogganttoonni Olaanoon naannichaa buufata xiyyaaraa Dajaazmaach Balaayi Zallaqaatti argamuun simannaa taasisaniifiiru.

Gareen shororkeessaa fi hattuun TPLF naannoo Amaaraa fi Affaaritti weerara taasiseen lammiileen kumaatamatti lakka’aman qe’eesaaniirraa buqqa’aniiru, lammiileen miiliyoonatti lakka’aman immoo rakkoo hamaaf saaxilamaa jiru jedhame. AMC

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015