MM dooktar Abiy Ahimad adda waraanaa Maayixabirii dhaqan

131

Finfinnee, Fulbaana 1/2014 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad bara haaraa Raayyaa Ittisaa waliin kabajuuf adda waraanaa Maayixabirii dhaqan.

Ajejaan Waliigalaa Raayyaa Ittisaa Jeneraal Birihaanuu Juulaa, Itti aanaa Ajejaa Waliigalaa Raayyaa Ittisaa leetanaal Jeneraal Abebaaw Taaddasaa, itti gaafatamaan olaanaan Qajeelcha duula Gamtaa Raayyaa Ittisaa Meejar Jeneraal Zawdee Balaay dabalatee hoggantoonni waraanaa olaanoon biroo Ministirri Muummee FDRI Abiy Ahimad waliin adda waraanichaatti argamaniiru.

Miseensonni Raayyaa Ittisaa ergama itti laatame bara haaraatti ga'umsa olaanaan ba'uun nagaa biyyaa sadarkaa amansiisaarraan ga'uuf kan hojjetan ta'uu ibsaniiru.

Deeggarsi olaanaan ummaanni isaaniif taasiise hamilee cimaa isaaniif ta'uu eeruun, barri haaraan bara missiraachoo injifannoo itti ummata dhageessifnu ta'a jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015