Itoophiyummaan eenyummaa Itoophiyaanoota kan waliitti hidheedha-Dooktar Abiy - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyummaan eenyummaa Itoophiyaanoota kan waliitti hidheedha-Dooktar Abiy

Finfinnee, Qaammee 1/2013 (TOI)-Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itoophiyummaan eenyuummaa Itoophiyaanoota kan waliitti hidheedha jedhan.
Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsaniitti, Itoophiyummaan eenyummaa Itoophiyaanoota kan waliitti hidhee aadaa, amantaa fi afaan akkasumas ilaalchaa heddumaata Itoophiyaanootaa tokko taasisee Itoophiyummaa duudhaa kaayyoo biyyaa tokkoof dhaabbatuudha jedhaniiru.
Itoophiyummaa keenyaaf heddumminni keenyaa sabbata, gootummaan keenyaa dallaa, bilisummaan daandii keenyaadhaa Itoophiyaan barabaraan haa jiraattuu jechuun ibsaniiru