Milkaa'inni hojii Ashaaraa Magariisaatiin argame hojii hundaan mirkaneessu akka dandeenyu kan mul'isudha -Dooktar Abiy

81

Finfinnee, Hagayya 30, 2013 (TOI) –Milkaa'inni hojii Ashaaraa Magariisaatiin argame hojii hundaan mirkaneessu akka dandeenyu kan mul'isudha jedhan Ministirri muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Sagantaan cufiinsa Ashaaraa magariisaa bara kanaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyii fi hoggantoonni olaanoo mootummaa Federaalaa fi naannolee argamanitti hegaggeeffameera.

Waggaa 4 biqiltuu biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfannee waggaa sadii keessatti biqiltuu biliyoona 18 ol dhaabuun danda'amuu ibsaniiru.

Ministirri Qonnaa obbo Umar Huseen gama isaaniin barana mata duree 'Itoophiyaa haa Uwwisnuu’ jedhuun biqiltuu biliyoona 6 dhaabuuf qabamee biqiltuu biliyoona 6.7 dhaabuun danda'ame jira jedhan.

Waggoottan sadan darbanitti akka Naannoo Oromiyaatti biqiltuu biiliyoona 9.2 biqiltuun bunaa biliyoona 2.8 Walumaagalatti biqiltuu biiliyoona 12 dhaabaman keessaa harkii 84 ol latuu Pireezdaantiin mootuummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015